Dhaqni keenya seelii triliyoona baay'een ijaarame. Seelonni walitti qabamuun tiishuu uumu. Tiishuun immoo walitti qabamanii qaamolee dhaqnaa uumu.
Jiniin (Gene) seelii kana keessatti kan argamu ta'ee adeemsa walhormaataa, guddina, hojiifi du'a seelotaa kan to'atu dha. Amalli seelotaafi hojiin isaanii kutaa kana keessatti galmaa'ee argama. Seelonni amma barbaadamuun ol akka wal hin horre kan ittisuufi yoomiifi akkamitti akka wal horan ajajni kan keennamu kutaa kana irraayi.
Jinii irratti rakkoon/jijjiiramni yoo uumame seelonni sirnaan hojjechuu dhiisu. Ajajni seelota kana irraa maddus seelonni amala haaraa akka agarsiisan godha. Seelonni jeequmsi itti uumame kunis darbee darbee to'annoondhaa ala akka wal horan godha. Kunis seelonni sirrii hin taane baay'inaan akka wal horan gochuun dhukkuba kaansarii jedhamu uuma. Seeliin wal hore kun adeemsa keessa tiishuu fayyaa turanis miidhuun qaama fayyaa ta'e dhukkubsataa godha. Adeemsa keessas gara qaama fayyaa fageenya irratti argamuutti bittinnaa'uuf carraa argata.
Kaansarii harmaa akkuma armaan olitti ibsame dhukuba seelota harmaa to'annoodhaan ala wal horuun uumamu dha. Harmi uumamaan harcaatuu aannanii baay'ee qaba. Isaaniinis fiixee harmaa waliin kan walqabsiisan uujummoolee kan qabu ta'ee, uujummooleen kunis yeroo ulfaa aannan oomishuu keessatti shoora guddaa taphatu. Kaansarii harmaa baay'inaan uujummoolee kana keessatti gudachu jalqaba. Kutaalee harmaa hafan irraas ka'uuf carraa guddaa qaba.