🌐 እዚ ጽሑፍ ክሳብ ሕጂ ብትግርኛ ኣይተዳለወን። ነቲ መበቆላዊ ብAfaan Oromoo ነርእየኩም ኣለና።
📄 ንቕሓት

Kaansarii Harmaa - Barruu Hubannoo Uummataafi Dhukkubsattootaaf Qophaa'e

📚 ኣብ መምርሒታት NCCN ንሕሙማን® ዝተመስረተ · 🌍 ንኢትዮጵያን ምብራቕ ኣፍሪቃን ዝተዳለወ · 👨‍⚕️ Dr. Jiilchaa D. Fayyisaa

📖 Kaansarii Harmaa Jechuun Maali?

Dhaqni keenya seelii triliyoona baay'een ijaarame. Seelonni walitti qabamuun tiishuu uumu. Tiishuun immoo walitti qabamanii qaamolee dhaqnaa uumu.

Jiniin (Gene) seelii kana keessatti kan argamu ta'ee adeemsa walhormaataa, guddina, hojiifi du'a seelotaa kan to'atu dha. Amalli seelotaafi hojiin isaanii kutaa kana keessatti galmaa'ee argama. Seelonni amma barbaadamuun ol akka wal hin horre kan ittisuufi yoomiifi akkamitti akka wal horan ajajni kan keennamu kutaa kana irraayi.

Jinii irratti rakkoon/jijjiiramni yoo uumame seelonni sirnaan hojjechuu dhiisu. Ajajni seelota kana irraa maddus seelonni amala haaraa akka agarsiisan godha. Seelonni jeequmsi itti uumame kunis darbee darbee to'annoondhaa ala akka wal horan godha. Kunis seelonni sirrii hin taane baay'inaan akka wal horan gochuun dhukkuba kaansarii jedhamu uuma. Seeliin wal hore kun adeemsa keessa tiishuu fayyaa turanis miidhuun qaama fayyaa ta'e dhukkubsataa godha. Adeemsa keessas gara qaama fayyaa fageenya irratti argamuutti bittinnaa'uuf carraa argata.

Kaansarii harmaa akkuma armaan olitti ibsame dhukuba seelota harmaa to'annoodhaan ala wal horuun uumamu dha. Harmi uumamaan harcaatuu aannanii baay'ee qaba. Isaaniinis fiixee harmaa waliin kan walqabsiisan uujummoolee kan qabu ta'ee, uujummooleen kunis yeroo ulfaa aannan oomishuu keessatti shoora guddaa taphatu. Kaansarii harmaa baay'inaan uujummoolee kana keessatti gudachu jalqaba. Kutaalee harmaa hafan irraas ka'uuf carraa guddaa qaba.

📖 Kaansarii Harmaa Itoophiyaa Keessatti

Aduunyaa irratti waggaatti namoonni miliyoona 1 ol ta'an kaansarii harmaatiin qabamu. Kaansarii harmaa Itoophiyaa keessatti yeroo irraa gara yerootti haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira. Kaansarii harmaa Itoophiyaa keessatti dubartoota irratti gosoota kaansarii muudatan hundumaa irraa sadarkaa jalqabaa irratti argama. Dhukkuba kaansariitiin qabatamanii gara Hospitaala Xiqur Anbessaa kan dhufan jiraattota Finfinnee keessaa 32.8% ta'an kaansarii harmaatiin kan qabatamaniidha. Itoophiyaa keessatti umriin 40 hanga 65 jiru caalaatti kaansariin harmaa kan irratti mul'atu ta'us, umrii digdamoota irraa jalqabee dubartoota umrii kamiyyuu keessa jiran irratti baay'inaan mul'achaa jira.

📖 Saaxilamummaa Kaansarii Harmaa

Namni kamiyyuu kaansarii harmaatiin qabatamuuf carraa qaba. Baay'inaan dubartoota irratti kan mul'atu ta'us, darbee darbee dhiira irrattis ni mul'ata. Sababiin dhukkuba kaansarii harmaa yeroof kan hin beekamne ta'us, fuudhuu/heerumuu, fuudhuu/heerumuu dhiisuu, da'uu fi da'uu dhiisuun dhukkuba kanaan qabatamuu dhiisuuf wabii miti. Waantotni kaansarii harmaaf saaxilan baay'eedha, isaan keessaa muraasni akkuma armaan gadiitti ibsamaniiru:

  1. Umrii: Umriin dabaluun akkuma gosoota kaansarii biroo kaansarii harmaafis sababa guddaadha. Baay'inaan dubartoota umriin isaanii waggaa 50 ol ta'an saaxilamummaan isaanii haala olaanaadhaan dabalaa adeema. Haa ta'u malee, kurnan keessaa jalqabee umrii kamiyyuu keessatti uumamuu dhiisuu dhiisuu danda'a.

  2. Jeequmsa Hormoonii: Kaansarii harmaa dubartoota keessatti hormoonii Eestroojiin jedhamuuf saaxilamummaan dabaleen walqabatee carraan uumamuu isaas dabalaa adeema. Marsaan laguu isaanii umrii giddu galeessaa dura kan dhufu ykn turee kan dhaabbatu dubartoota, dubartoota da'a hin qabne, yeroon kan hin da'ne (ulffi isaanii jalqabaa waggaa 30 booda yoo ta'e) ykn ijoollee muraasa qofa kan ulfaa'an, waggoota dheeraaf qoricha karoora maatii kan fayyadaman ykn hormoonii qorichaan qophaa'e kan fudhatan, dubartoota harma hin hoosisne kaansarii harmaaf saaxilamummaan isaanii ni dabala. Ulfinni qaamaa garmalee ta'es sababa kanaan walqabatee saaxilamummaa ni dabala.

  3. Sirna Nyaata Fayyaalessa Hin Taane: Nyaata coomaafi mi'aawaa ta'an yeroo dhan fayyadamuu akkasumas alkoolii baay'isanii dhuguun saaxilamummaa ni dabala. Vaayitaaminii gahaa argachuu dhiisuunis carraa kaansariin qabatamuu ni dabala.

  4. Jijjiirama Jinii/Dhaala Sanyii: Jijjiirama jinii (genetic mutations) kaansarii harmaa fiduu danda'an keessaa BRCA-1 fi BRCA-2 kanneen jedhaman warra ijoodha. Namni jijjiirama jinii kana qabu kaansarii harmaatiin qabatamuun isaanii ni dabala. Maatii keessatti kanaan dura kaansariin harmaa uumamee beekuun kanaaf mallattoo isa tokko ta'uu danda'a. Maatii akkasii keessa kan jiraniifi dhiigaan walqabatan namoonni kaansarii harmaatiin qabatamuuf carraan isaanii ni dabala.

  5. Kanaan dura kaansarii harmaatiin kan miidhame: Irra deebihamee kaansarii harmaatiin qabatamuuf carraan isaa olaanaadha.

  6. Waggaa 30 dura carraaqqii (Xiyya/Radiation) iddoo saaxilaman: Kunis gosaafi baay'ina xiyyichaatiin kan murtaa'uudha.

  7. Sigaaraa Aarsuu

  8. Haala Jireenyaafi Iddoo Jireenyaa: Akkaataan jireenya Dhihaaf (Western) saaxilamummaa kaansarii harmaa ni dabala. Dubartoota baadiyyaa caalaa dubartoota magaalaa jiraatan caalaatti saaxilamoodha.

📖 Mallattoolee Kaansarii Harmaa

Madaa'uu, halluun gogaa harmaa jijjiiramuu, fiixeen harmaa gara keessaatti gadi lixuu ykn garagaluu, madaa, fiixee harmaa irraa ykn iddoo madaa'e irraa dhangala'aan ba'u, hammamtaafi bifa harma lamaanii wal-dhahuu fi bobaa jalatti bokoka sararaa mul'atan mallattoolee kaansarii harmaa yeroo baay'ee mul'ataniidha. Fiixeen harmaa mormoragguu, madaa qoollooftu ykn mashaqaa, fiixee harmaa ykn kutaa harmaa biroo gadi jechuu, yeroo hin eegamnettii fiixee harmaa irraa dhangala'aan mul'achuu, iddoo tokko irraa dhukkubbii haaraa hin dhiisne mallattoolee kaansarii harmaa agarsiisan biroodha.

Bokokiin mallattoo kaansarii harmaa isa ijoo ta'ee yeroo baay'ee dhukkubbii hin qabu. Madaa uumaa yeroo adeemu ykn sadarkaan isaa dabalaa yeroo adeemu garuu dhukkubbiin itti dhaga'amaa adeema. Bokokni harmaa hundi kaansarii harmaa ta'uu dhiisuu danda'u. Haa ta'u malee carraa kaansarii ta'uu guddaa waan qabuuf bokokiin akkuma mul'ateen dafanii doktorii mariachisuun barbaachisaadha. Kaansariin harmaa gara sombaa, tiruu, lafee dugdaa, sammuufi kutaalee qaamaa birootti bittinnaa'uu amala waan qabuuf kutaalee kanaatti bittinnaa'uu isaatiin walqabatee qufaan, dhukkubbii garaafi dugdaa, mataa bowwoo, ulfinni qaamaa hir'achuu, fedhiin nyaataa baduu, dadhabbiifi mallattooleen fakkaatan uumamuu danda'u.

📖 Qorannoo Jalqabaa Kaansarii Harmaa (Screening)

Qorannoon jalqabaa kaansarii harmaa sadarkaan kaansarii utuu hin ol ka'in yeroon adda baasuufi yaaluuf ni dandeessisa. Kunis mallattooleen mul'achuu jalqabuu isaaniitiin dura kan godhamuudha. Kaansarii harmaa yeroon adda baasuuf kan dandeessisan karaa baay'eentu jira. Kanneenis:

  1. Seenaa Maatii Keessa Jiru Adda Baasuu: Akkuma olitti ibsame kaansariin harmaa maatii irraa daddarbuu kan danda'uudha. Kanaafuu maatii keessatti kaansarii harmaatiin qabatamee ykn lubbuun isaa darbee kan beeku yoo jiraate gaafatanii hubachuun yaaddoo jiruuf agarsiistuudha. Seenaa fayyaa maatii beekamee boodas gara doktorii deemuun hordoffiifi qorannoo godhamuu qabu beekuun barbachisaadha.

  2. Qorannoo Harmaa Ofiin Godhamu: Yeroo yerootti harma ofii qabanii ilaaluun kaansarii harmaa yeroon adda baasuufi ittisuuf ni dandeessisa. Yeroo kamiyyuu qaama dhiqachuuf gara shaawariitti yeroo gallu, yeroo fudhatanii harma ilaaluun barbaachisaadha. Fakkii itti aanu akkamitti harmi ofii akka qabatamu kan agarsiisu ta'ee yeroo qabattan kanneen armaan gadii jiraachuu isaanii hubachuu dhiisuu hin qabdan: Madaa ykn korophummaa addaa, harma keessatti ykn bobaa jalatti jabaachuu ykn furdachuu, bokokuu, ho'i itti dhaga'amuu, harma irratti mallattoo diimaa ykn gurraacha, hammamtaa ykn bifa harmaa jijjiiramuu fi gogaan lixuu ykn kuraawaa ta'uu. Qorannoon harmaa kan ofii yoo xiqqaate ji'atti al tokko godhamuu qaba.

  3. Qorannoo harmaa ofiin godhamu sadarkaa jalqabaa mudhiidhaa ol duukaa ta'uun fuuldura fuulee (dawaidhaa) dhaabbachuun kan godhamuudha. Harka keessan mudhii keessan irratti gochuun bifa harma keessani kan amalaa qorachuu. Akkasumas harka mataa irratti gochuun bifa harmaa qorachuu. Fuuldura dawaitti bifa harmaa amalaa sirriitti beekuun adeemsa yerootiin ykn rakkoolee fayyaa birootiin jijjiirama dhufuu danda'an adda baasanii beekuuf ni gargaara.

  4. Harma qorachuuf yaadtan sanaan harka jiru mataa keessan olitti diriirsuun harka biraa quba sadii fayyadamuu marsaadhaan sochoosuun bobaa jalaas jalqabee harma keessan guutummatti sirriitti qorachuu. Qorannoon keessan yeroo harkasii socho'u harma keessan keessatti waanti bokoke ykn jabaate jiraachuufi jiraachuu dhiisuu isaa mirkaneessuufi. Waanta bokoke ykn jabaate yoo argattan irra deddeebitanii qorachuun mirkaneessuu dhiisuu hin qabdan. Fiixee harma keessanii dhiibuun dhangala'aan harma keessaa ba'u jiraachuu fi dhiisuu qorachuu barbaachisa. Harma kan hin hoosisne yoo ta'aniifi dhangala'aan kan ba'u yoo ta'e mirkaneessuun barbaachisaadha. Mallattoolee kana yoo argattan battalumatti gara doktorii deemuun barbaachisaadha.

  5. Gara duubaatiin ciisuun fiixee harmaa qorachuuf yaadtan sanaan harka jiru mataa keessan olitti diriirsuun harka biraa quba sadii fayyadamuu marsaadhaan sochoosuun bobaa jalaas jalqabee harma keessan sirriitti qorachuu. Qorannoon keessan yeroo harkasii socho'u harma keessan keessatti waanti bokoke ykn jabaate jiraachuufi jiraachuu dhiisuu isaa mirkaneessuufi. Waanta bokoke ykn jabaate yoo argattan irra deddeebitanii qorachuun mirkaneessuu barbaachisa.

  6. Sonoograafii Harmaa: Sonoograafii (Ultraasoundii) harma irratti bokoka jiru lafa malee ilaaluuf kan dandeessisu gosa qorannoopti. Xiyya irraa bilisa waan ta'eef bokokni harmaa jiraachuu isaa qorannoo kaansarii duraa gochuuf filatamaa isa godha.

  7. Maamograafii Harmaa: Maamograafii xiyya xiqqaatti fayyadamamaa qorannoo harmaa godhamuudha. Fakkiiwwan maamograafii fakkii gad fagoo fi harma kallattii garagaraa irraa kan agarsiisuudha. Harmi meeshaa pilaastikii batiiti lama gidduutti kaa'ama. Meeshaa kana dhiibuun harmas batiiti akka ta'u godhama. Xiyya baay'ee xiqqaatti fayyadamamaa harma dhiibuun fakkii qulqullina qabu argachuuf ni gargaara.

  8. MRI Harmaa: Maagneetiifi kompiyuutara fayyadamamaa qaama keessaa qulqulleessee kan agarsiisu meeshaadha. Bokokawwan xiqqaafi jijjiirama adda baasee ilaaluuf dandeettii waan qabuuf qorannoo kaansarii harmaa duraatiif ni tajaajila.

📖 Kaansarii Harmaa Yaalaan Mirkaneessuu

Qorannoo kaansarii duraa yeroo godhamu mallattooleen shakkiisiisoon ykn agarsiistun yoo mul'atan ykn mallattooleen harma irratti qorannoo kaansarii duraa malee yoo mul'atan kaansarii ta'uufi ta'uu dhiisuu isaa mala qorannoo garagaraatiin mirkaneessuun ni danda'ama. Gosoonni qorannoo kunis armaan gadiitti ibsamaniiru:

  1. FNAC: Lilmoodhaan iddoo bokokni jiru irraa saampilii fudhaachuun doktoroota ispeeshaalistii paatoloojiitiin seelonni amala bokoka qaban jiraachuufi dhiisuu isaanii mala adda baasuudha.

  2. BIOPSY: Akkuma FNAC saampilii fudhaachuun doktoroota ispeeshaalistii paatoloojiitiin seelonni amala bokoka qaban jiraachuufi dhiisuu isaanii mala adda baasuu ta'ee, mala kanaan lilmoodhaan utuu hin ta'in bokokicha akka jirutti baasuu ykn kurna baay'ina qabu harma fudhaachuun qorannoo godhamuudha. Baay'inaan bu'aa mirkaneessaa kan kennuudha.

  3. Qorannoo Dhiigaa: Miidhaa dhukkubichi fide adda baasuufi hordofuuf ni gargaara.

  4. Qorannoo Eks-reey fi Sonoograafii: Gara sombaa, tiruu fi kutaalee qaamaa fakkaatanitti dhukkubni bittinnaa'e yoo jiraate adda baasuuf ni tajaajilu. Gosoonni qorannoo kunis jalqaba irraa jalqabee dhukkubsattoota hundaaf qorannoolee godhamaniidha. Yeroo hordoffiis bu'aa yaalaa ilaaluufi dhukkubni haaraa deebi'e/bal'ate jiraachuu fi dhiisuu hordofuuf ni gargaaru.

  5. CT Scan Harmaa fi MRI Harmaa: Kanneen akkuma barbaachisummaa isaaniitti gara kutaa qaamaa biraatti dhukkubni bittinnaa'e jiraachuu fi dhiisuu adda baasuuf meeshaalee gargaaraniidha.

📖 Yaala Kaansarii Harmaa

Kaansariin harmaa yeroon beekamee yoo yaalame guutummatti fayyuu kan danda'u dhukkubaadha. Yeroon yaalamuu yoo dhiise fi gara kutaa qaamaa biraatti yoo bittinnaa'e gara du'aatti fiduu kan danda'u dhukkubaadha. Yaalli dhukkuba kaansarii harmaaf godhamu gosa bokokaatiin, hammamtaa bokokaatiin, amala bittinnaa'uu isaatiin fi haala dhukkubsataatiin kan murtaa'uudha. Yeroo baay'ee yaaliin kaansarii harmaa guutummatti fayyisuu yaada jedhuun kan godhamu carraaqqiidha. Sadarkaa kamirrattuu kaansarii harmaa yaaluun yoo xiqqaate hammamtaa kaansarichaa hir'isuun ykn guddina isaa daangessuun umrii dheeressuu akkasumas haala jireenyaa dhukkubbii irraa bilisa gochuu ni dandeessisa.

Kaansariin harmaa jiraachuun isaa erga mirkanaa'e booda karaa garagaraatiin yaaliin ni godhama. Karaalee kanneen keessaas yaala opreeshinii (surgarii), yaala xiyyaa (radiotherapy) fi yaala qorichaa (keemoterraapii, yaala hormoonii fi yaala taargeetted terraapii) kanneen ijoodha. Baay'inaan gosa yaalaa lama ykn isaa ol fayyadamani yaalamu (fakkiiyaaf yaala opreeshinii sana booda yaala keemoterraapii, yaala hormooniifi yaala xiyyaa itti fufsiisuun yaalamu).

  1. Yaala Opreeshinii (Surgarii): Yaaliin opreeshinii kutaalee qaamaa bokokni irratti uumame opreeshiniidhaan kutanii baasuu yaala jedhuudha. Yaala opreeshiniitiin harmi muramee ba'uu kan danda'u dhukkubichi gara iddoo biraatti kan hin bittinnaa'in yoo ta'e qofaadha. Kanaafuu yaala opreeshiniitiin yaalamuu danda'uun kaansarii harmaatiif yeroon gahuu agarsiisa. Harma yaala opreeshiniitiin muranii baasuun bifa qaamaa irratti jijjiirama kan fidu waan ta'eef dhukkubsattoota baay'ee biratti yaala filatamaa miti. Yaada akkasii keessatti dhukkubsattoonni yeroo waan balleessaniif yeroon warqee kaansariin harmaa yaalamuu danda'u ni qisaasa'a. Gara qaama biraattis ni bittinnaa'a. Sadarkaa kanaan ga'ee yaala opreeshiniitiin guutummatti fayyisuuf yaaduun yaada ulfaataadha. Kaayyoon yaalichaas guutummatti fayyisuu irraa gara umrii dheeressuutti gadi bu'a. Kanaafuu kaansarii harmaa hin bittinnaa'in fayyisuuf opreeshiniin yaala baay'ee barbaachisaa waan ta'eef yeroo osoo hin balleessin dhukkubsattoonni yaadicha fudhatanii opreeshinicha akka godhatan gorfamu. Walqabatee dhiibbaawwan yaadaa matayyaa (sammultuu) dubartoonni yeroon akka hin murteessine waan taasisaniif hiriilonni fuutuu fi maatiin guutuun dhukkubsataan dafee murtoo irra akka gahu yaadaan gargaarsa gochuu qabu.

Opreeshinii booda harkii irratti muramee ba'e iddoo sanaa deebi'ee bokokuu mallattoon mul'achuu danda'a. Kanaafuu gogaa muramee ba'e irratti, harma fayyaa ta'e irratti, bobaa lamaan jalatti akkasumas morma irratti (lafee ciqilee/clavicle olitti) bokokawwan xiqqaas yeroo yerootti ilaaluun barbaachisaadha. Yoo argamanis battalumatti doktorii hordoffii gochaafii jiruutti telluun barbaachisaadha. Seelonni gara kaansariitti jijjiiraman gara dhangala'aa dhiigaatti waan galaniif opreeshinii booda gara tiruu, sombaa, lafee dugdaa, sammuu ykn kutaalee biraatti bittinnaa'uu danda'u. Kanneen iddoo sanatti deebi'anii ka'an ykn opreeshinii booda bittinnaa'anii dhufan yaala garagaraatiin waan yaalamaniif dafanii mariachisuu qabu. Yaala opreeshinii booda harkii bokokuu mallattoon muudachuu danda'a. Kunis kan ta'u karaaleen kaansariin bittinnaa'uu danda'u opreeshiniitiin muramanii waan ba'aniifi.

  1. Yaala Xiyyaa (Radiotherapy): Nannoo kaansariin jiru xiyya humna olaanaa qabuun rukutsiisuun yaala godhamuudha. Kaansarii harmaatiif opreeshinii booda seelota gara kaansariitti jijjiiraman kanneen hafan balleessuuf kennama. Kunis kaansarichi deebi'ee akka hin kaane godha. Yaaliin xiyyaa yeroo gabaabaa kan fudhatuus yaaliin yeroo kennamu dhukkubbii kamiyyuu kan hin uumne mala yaalaati. Miidhaawwan cinaa muraasni muudachuu danda'u.

  2. Yaala Qorichaa (Keemoterraapii, Yaala Hormooniifi Yaala Taargeetted Terraapii): Yaaliin qorichaa kaansarii harmaa yaaluuf baay'inaan mala yaalaa tajaajila irra oolu keessaa isa tokkoodha. Keemoterraapii, yaaliin hormooniifi yaaliin taargeetted terraapii yaala qorichaa jala kan hammatamaniidha. Yaalichi miidhaawwan cinaa qaba - oljechuu (ololchuu), hoqqisiisuu, rifeensi buqqa'uu, dhiiguu, dhukkuba onnee, laguu dhabuu, dhabdummaa, dandeettii qaamaa dhukkuba ittisuu dadhabsiisuu fakkaatan miidhaa cinaa qaba. Yaalichi erga xumuramee boodas namoonni dhukkuba kaansarii harmaatiin qabataman hordoffii yaala kaansarii harmaa kan waaraa ta'eefi yoo xiqqaate waggoota 10f turu kan barbaachisuudha.

  3. Keemoterraapii: Qoricha seelota kaansarii ajjeesuufi ykn akka wal hin horre gochuu danda'an kennuudhaan yaala godhamuudha. Baay'inaan yaala opreeshinii erga godhamee booda yaala kennamu ta'ee darbee darbee opreeshinii dura kennamuu danda'a. Haalli yeroo isaa gosa bokokichaa irratti kan murtaa'u ta'a. Kaansariin harmaa bittinnaa'e yaala opreeshiniitiin waan hin yaalamneef caalaatti keemoterraapiidhaan yaalama. Marsaa 4 hanga 8 kan kennamu ta'ee darbee darbee xiqqaachuu ykn dabaluu danda'a. Torban 3n, torbaniin ykn sanaan ala yeroo ta'etti kennamu. Gosinni qorichaas jijjiirama bokokicha ilaaluun jijjiiramuu danda'a.

  4. Yaala Hormoonii: Kaansariin harmaa tokko tokko jalqaba irraa jalqabee hormoonota Eestroojiiniifi Proojestroojiin jedhaman sararaa ka'uu ykn erga ka'ee booda jabaachuu danda'a. Qorichoonni hormoonota kana akka hin maddine ykn akka hin hojjenne taasisan kaansarii harmaa yaaluuf ni gargaaru. Qorichoonni kun dhukkubsattoota hormoon riiseptaar posatiivii (Hormone Receptor Positive) ta'an irratti bu'a qabeessa. Baay'inaan waggoota 5f utuu hin kutamin qorichoota kennamaniidha. Tamoksifeen (Tamoxifen), Anastrozol (Anastrozole) fi Letrozol (Letrozole) biyya keenya keessatti baay'inaan kan fayyadamnudha.

  5. Taargeetted Terraapii (Targeted Therapy): Kanneen sababa kaansarii ka'uutiif kan ta'an jiniiwwan ykn proteenota agarsiistuu jinii ta'an irratti qorichoota hojjetaniidha. Bal'inaan yaala harmaatiif tajaajila irra kan oolan ta'us gatiin isaanii olaanaa waan ta'eef biyya keenya keessatti hin argaman.

📖 Bu'aa Yaala Kaansarii Harmaa

Yaaliin kaansarii harmaa yeroo irraa gara yerootti fooyya'aa waan adeemuuf yaala booda namoonni du'an lakkoofsi isaanii hir'achaa jira. Bu'aan yaala kaansarii harmaa guutummatti fayyuu, hammamtaan bokokichaa hir'achuu ykn iddoo turetti utuu hin dabalin akka turu gochuu ta'uu danda'a. Kunis akkuma sadarkaa isaafi gosa yaala isaatti garaagara ta'uu danda'a. Sadarkaa jalqabaa irratti kaansariin jiru carraan fayyuu isaa guddaa waan ta'eef namni kaansarii harmaa qabu kamiyyuu yeroon yaala jalqabuu qaba.

⚕️
Yaadannoo Fayyaa

Qabiyyeen kun kaayyoo barnoota qofaaf ta'ee, qajeelfama NCCN fi gorsa WHO irratti hundaa'a. Gorsa ogeeyyii fayyaa muuxannoo qaban bakka hin buutu. Dhukkubsattoota Itoophiyaa: Maaloo Hospitaala Tikur Anbessa Specialized Kutaa Onkolojii dubbisaa.